Afaan Oromoo: Kutaa 5 8 Sections42 Lessons365 Days
1.2: Maqaa fakkiifi kaartaa himuu
Mana Barumsaa Koo
Afaan Oromoo Kutaa 5
Bu’aalee barachuu boqonnaa kanaa
Xumura Barannoo kanaatti:
Jechoota ijoo 10 waa’ee mana barumsaa sirriitti adda ni baafta.
Maqaa fakkiifi kaartaa ni himta.
Kaartaafi maqaa isaanii walitti ni firoomsita.
Fakkiifi ibsa isaa sirriitti walitti ni firoomsita.
Jechoota Ijoo 10
1. Mana Barumsaa
Iddoo barattoonni itti baratan.
2. Kaartaa
Fakkii lafaa waraqaa irratti kaafame.
3. Fakkii
Suuraa ykn wanta harkaan kaafame.
4. Daree
Kutaa mana barumsaa keessatti baratan.
5. Gabatee
Wanta daree keessatti irratti barreessan.
6. Kitaaba
Wanta barattoonni dubbisaniifi irraa baratan.
7. Qalama
Meeshaa barattoonni ittiin barreessan.
8. Biyya
Laffa daangaa qabu, fkn Itiyoophiyaa.
9. Magaalaa
Iddoo namoonni baay’een waliin jiraatan.
10. Halluu
Wanta fakkii miidhagsuuf dibamu.
Gochaa Dubbisuun Duraa
Akkam barattoota!
Har’a daree keenya keessa wantoota jiran qoranna.
Fakkii Tolasaa fi Caaltuu
Tolasaa fi Caaltuun mana barumsaa isaanii baay’ee jaallatu. Isaan halluu fayyadamuun fakkii kaasu.
Kaartaa Walitti Firoomsuu
Kaartaa kutaalee addunyaa bal’aa agarsiisu.
Kaartaa biyyoota ardii Afrikaa agarsiisu.
Kaartaa godinoonni Oromiyaa irratti argaman.
Kaartaa naannolee biyya Itoophiyaa agarsiisu.
Kaartaa Oromiyaa
Kaartaa Ardiilee
Kaartaa Naannolee Itoophiyaa
Kaartaa Afrikaa
Hubannoo Dubbisaa
Daree Keenya
Daree keenya keessa wantoota baay’eetu jiru. Fuuldura daree, gabatee guddaatu jira…