Saayinsii Naannoo Kutaa 5 5 Sections35 Lessons10 Weeks
1.5. Haala Itti Fayyadama GPS
Haala Itti Fayyadama GPS
Saayinsii Naannoo Kutaa 5
Bu’aa Barnoota Mata Duree Kanaa
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
Maalummaa GPS ni himta.
Faayidaa GPS’n qabu ni himta.
Ogummaa appilikeeshinii teekinoolojii GPS fayyadaman ni tarreessita.
Jechoota Ijoo
GPS
Sirna teekinoolojii saatalaayitii fayyadamuun argama bakka tokkoo adda baasuuf gargaaru (Global Positioning System).
Saatalaayitii
Meeshaa nam-tolchee hawaa keessa lafatti naanna’uun odeeffannoo gara lafaatti ergu.
Argama (Location)
Iddoo sirrii wanti tokko ykn namni tokko addunyaa kana irratti itti argamu.
Appilikeeshinii
Sagantaa kompiitaraa ykn bilbilaa kan hojii murtaa’e tokko (fakkeenyaaf kaartaa agarsiisuu) hojjetu.
Barnoota Viidiyoo
Viidiyoo kana ilaaluun waa’ee GPS hubannoo kee gabbifadhu.
Barnoota Ijoo: Teekinoolojii GPS
Seensa
Barattoota jaallatamoo,
Teekinoolojii ammayyaa bakki tokko addunyaa kana irratti eessatti akka argamu adda baasu beektaa? Yoo beekta ta’e maal fa’i? Waa’ee GPS dhageessee beektaa? Mee hiriyyoota kee wajjin yaada kana irratti mari’adhu. Bara durii namoonni karaa barbaacha urjii fi aduu fayyadamu turan, har’a garuu teekinooloojii ajaa’ibaa qabna!
GPS Maal Inni?
GPS jechuun teekinooloojii saatalaayitii bu’uureffachuun tooftaa ittiin argama bakka tokkoo adda baafatanidha.
Seenaa Gabaabaa:
Piroojeektiin GPS kan eegale bara 1973 kutaa Ittisa Waraana US Ameerikaatiin ture. Bara 1980 keessa ammoo uummanni siiviliin (namni idilee) akka itti fayyadamuuf eeyyamameera.
Faayidaalee Gurguddoo GPS
Yeroo ammaa kana teekinooloojii GPS dhimmoota heedduuf itti fayyadamna. Fakkeenyaaf: albuuda baasuuf (akka warqee Adoolaa), qonnaaf, humna galaanaa fi qilleensaaf akkasumas bashannanaaf ni fayyada.
1. Argama Bakkaa
Argama bakka tokkoo adda baasuuf. Fakkeenyaaf, Finfinnee irraa gara Bishooftuu deemuuf karaa sirrii agarsiisa.
2. Sochiilee Doonii
Sochiilee dooniwwaanii to’achuuf. Fakkeenyaaf, dooniin Haroo Xaanaa keessa jiru eessa akka jiru beekuuf.
3. Sochii To’achuu
Sochii waantootaa ykn namootaa to’achuuf. Konkolaataan fe’umsaa eessa akka gahe hordofuuf.
4. Kaartaa & Yeroo
Kaartaa kaasuuf fi Yeroo safaruuf haala sirrii ta’een ni gargaara.
Eenyutu Fayyadama? (Jaarraa 21ffaa)
Dhalli namaa jaarraa keessa jiraataa jiru (jaarraa 21ffaa) keessatti qonnaan bulaa hanga saayintistiitti teekinooloojii GPS itti fayyadamaa jira.
Haalli itti fayyadama isaa garuu biyyoota guddatanii fi guddataa jiran jidduutti garaagarummaa guddaa ni qaba. Yeroo ammaa kana appilikeeshiniin teekinooloojii nama kamiifuu ni jira:
- Dookteraaf
- Saayintistiif
- Qonnaan bulaaf
- Waraanaaf
- Paayileetiif
- Konkolaachisaaf
- Atileetiif
- Nama qurxummii qabuuf
Kunis bu’aa qabeessummaa ni fida, hojii ni salphisa, nageenyummaa eega. Dabalataanis GPS’n adeemsa yakkamaa qoratanii murtii haqa qabeessa mirkaneessuu keessatti illee faayidaa olaanaa ni qabaata.
Fakkii Hubannoo
Tapha Barnootaa: Dhugaa moo Soba?
Haaraa!Waa’ee GPS himni as gaditti dhuftu dhugaa moo soba akka ta’e adda baasi! Saffisaan deebisi!
Tapha eegaluuf “Eegali” cuqaasi.
Gilgaala 1: Filannoo
Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii filadhu. (Gaaffii 1 / 5)
Akkaataa itti taphatamu: Sanduuqa “Hojii/Haala” jala jiran keessaa tokko cuqaasi filadhu (tuqi). Sana booda sanduuqa “Fayyadamtoota” isa sirrii ta’e keessatti gadi dhiisuuf cuqaasi (tuqi).
Hojii / Haala Fayyadamaa
Fayyadamtoota GPS
Qonnaan Bulaa
Paayileetii / Doonii
Poolisii (Nageenya)
Gilgaala 3: Dhugaa / Soba
Hima kenname dubbisuun dhugaa ykn soba ta’uu isaa filadhu. (Gaaffii 1 / 5)
Cuunfaa Barnootaa
GPS‘n teekinoolojii saatalaayitii fayyadamuun argama bakkaa adda baasuuf gargaarudha.
Jalqaba waraana Ameerikaatiif kan hojjetame yoo ta’u, erga bara 1980’oota as namni hundi akka itti fayyadamu eeyyamame.
Faayidaan isaa inni guddaan argama adda baasuu, sochii to’achuu, kaartaa kaasuufi yeroo safaruudha.
Jaarraa 21ffaa kana keessa qonnaan bulaa, paayileetii, dookteraafi atileetota dabalatee namni hundi itti fayyadama. Kunis hojii salphisa, nageenya mirkaneessa.
Madaallii Xumuraa
Hubannoo kee madaaluuf gaaffilee 5n kana deebisi. (Gaaffii 1 / 5)
Cheekliistii (Mirkaneeffannoo)
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii horachuu kee of madaali. Kan ofitti amantu sanduuqa cuqaasi!