Saayinsii Naannoo Kutaa 5 5 Sections35 Lessons10 Weeks
2.2. Maaterii
Maaterii (Matter)
Saayinsii Naannoo Kutaa 5ffaa
Ga’umsa Barumsaa
Xumura barnoota mata duree kanaatti:
Maaterii maal akka ta’e ni ibsita.
Garaagarummaa elementootaafi kompaawundootaa ni himta.
Gosoota kompaawundootaa ni adda baasta.
Bishaan kompaawundii ta’uusaafi elementoota inni irraa ijaarramu ni ibsita.
Faayidaa bishaan lubbuu qabeeyyiif kennu ni tarreessita.
Jechoota Ijoo
Maaterii
Wanta bakka qabatuufi hanga mataasaa qabuudha. Fakkeenyaaf: Bishaan, qilleensa.
Elementii
Wanta qulqulluu atoomota akaakuu tokkoo qofa irraa ijaarameefi gara wantoota birootti hin diigamneedha.
Kompaawundii
Wanta qulqulluu elementoota akaakuu lamaa yookiin lamaa olirraa walnyaatinsa keemikaalaatiin uumamu.
Asiidii
Wanta bishaan keessatti bulbulamuun aayoonii haayidiroojiinii (\(H^+\)) kennuudha.
Beezii
Wanta bishaan keessatti bulbulamuun aayoonii haayidirooksaayidii (\(OH^-\)) kennuudha.
Orgaanikii
Kompaawundoota lubbu-qabeeyyii (biqilootaafi bineeldota) irraa argaman.
Viidiyoo Barnootaa
Viidiyoo kana ilaaluun waa’ee maaterii caalaatti hubadhu.
Barnoota Ijoo: Maaterii
Seensa
Barattoota kabajamoo,
Naannoo keessan ilaalaa! Maal argitu? Minjaala, bishaan, mukkeen, qilleensa nuti hargannu, aannan dhugnu—kannneen hundinuu Maaterii jedhamu. Addunyaan kun guutummaatti maaterii irraa kan ijaarameedha!
Maateriin Maalii?
Maateriin wanta bakkaafi hanga mataasaa qabuudha. Naannoo keenyatti wantoonni argaman jajjaboon, dhangala’oon yookiin gaasonni uumamaan argamaniifi nam-tolchee ta’an hundinuu maateriidha.
Fakkeenyi maaterii kanneen akka Bishaan, qilleensa, sukkaarra, aannan, bineensotaafi biqiltootafaadha. Maateriin faalkaalee isaanii irratti hundaa’uun bakka gurguddaa sadiitti qoodamu:
Wantoota Qulqulluu
Wantootni qulqulluun bakka gurguddaa lamatti qoodamu:
1. Elementoota
Wantoota qulqulluu haala keemikaalawwa salphaatiin gara wantoota xixxiqqoo birootti hin diigamneedha. Elementoonni atoomota akaakuu tokkoo ta’an qofa irraa ijaaramu. Fakkeenyaaf, elementiin warqee, atoomota warqee qofa qaba.
2. Kompaawundoota
Wantoota qulqulluu elementoota akaakuu lamaa yookiin lamaa olirraa walnyaatinsa keemikaalaan uumamanii dha. Kompaawundoonni adeemsa keemikaalaatiin gara elementoota irraa uumamanitti gargar diigamuu ni danda’u.
Gosoota Kompaawundootaa
Kompaawundootni bakka gurguddaa lamatti qoodamu: Orgaanikii (lubbu-qabeeyyii irraa) fi Inorgaanikii (qabiyyee lafaa/albuudota irraa).
Kompaawundoonni inorgaanikii amalootaafi qabiyyeewwan isaanii irratti hundaa’uun gareewwan afuritti ramadamu:
Oksaayidoota
Oksijiinii fi elementii biroo irraa uumamu. Fakkeenya: Bishaan (\(H_2O\)), Kaarboon daayoksaayidii (\(CO_2\)).
Asiidoota
Bishaan keessatti bulbulamuun aayoonii haayidiroojiinii (\(H^+\)) kennu. Fakkeenya: Sitiriik asiidii (Loomii keessaa).
Beezoota
Bishaan keessatti bulbulaman aayoonii haayidirooksaayidii (\(OH^-\)) kennu. Fakkeenya: Saamunaa (Soodiyeem haayidirooksaayidii).
Ashaboolee
Wal nyaatinsa asiidii fi beezii irraa uumamu. Fakkeenya: Ashaboo nyaataa (Soodiyeem Kilooraayidii – NaCl).
Barbaachisummaa Bishaanii
Bishaan kompaawundii baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Innis elementoota Haayidiroojiinii fi Oksijiinii irraa uumama (\(H_2O\)).
Faayidaa Bishaan lubbu qabeeyyiif:
- Dhugaatiif (Dheebuu baasuuf)
- Qaama qulqulleessuuf
- Nyaata qopheessuuf
- Biqiltoonni nyaata isaanii qopheeffachuuf
Fakkii Ibsu
Tapha: Maaterii Qoodi!
Tapha BarumsaaAkkaataa itti taphatamu: Jalqaba jecha filadhu (tuqi), sana booda saanduqa sirrii ta’e tuqi.
Wantoota
Jajjaaboo
Dhangala’oo
Gaasii
Gocha 1: Filannoo (MCQ) Gaaffii 1 / 5
Gocha 2: Walitti Firoomsi
Qajeelfama: Jecha filadhu (tuqi), sana booda ibsa sirrii ta’e bira kaa’i (tuqi).
Gocha 3: Gaaffiilee Makaa Gaaffii 1 / 5
Guduunfaa Barnootaa
Maateriin wanta bakkaafi hanga qabu yoo ta’u faalkaalee sadan (Jajjaaboo, Dhangala’oo, Gaasii) keessatti argama.
Wantootni qulqulluun Elementootaafi Kompaawundootatti qoodamu. Elementiin gara wanta birootti kan hin diigamneedha.
Kompaawundoonni inorgaanikii bakka afuritti qoodamu: Oksaayidoota, Asiidoota, Beezoota, fi Ashaboolee.
Bishaan kompaawundii barbaachisaa ta’ee fi haayidiroojiinii fi oksijiinii irraa uumameedha.
Madaallii (Quiz) 1 / 5
Madaallii Xumurteetta!
Qabxii kee: 0 / 5
Madaallii Ofii (Checklist)
Waan baratte sirriitti hubachuu kee of madaali. Kan hubatteef saanduqa cuqaasi.