Saayinsii Naannoo Kutaa 5 5 Sections35 Lessons10 Weeks
3.2 Qabeenya Uumamaa Itoophiyaa
Qabeenya Uumamaa Itoophiyaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 5
Xumura Barnoota Kanaatti:
Maalummaa qabeenya uumamaa ni ibsita.
Qabeenya uumamaa haaromuu danda’anii fi haaromuu hin dandeenye adda ni baafatta.
Qabeenya uumamaa haaromfamuu danda’ani fi hin dandeenye ni tarreessita.
Jechoota Ijoo
Qabeenya Uumamaa
Wantoota uumamaan argamanii fi fedhiiwwan bu’uuraa dhala namaa guutuu danda’an hundumaa.
Haaromfamuu Kan Danda’an
Qabeenya yoo itti fayyadaman dhumanillee, uumamaan yeroo gabaabaa keessatti of bakka buusaan.
Haaromfamuu Kan Hin Dandeenye
Qabeenya yeroo itti fayyadamnu dhumaa deemanii fi uumamaan of bakka buusuu hin dandeenye.
Kunuunsa
Qabeenya uumamaa of eeggannoon, sirnaanii fi qusannoon itti fayyadamuu akka dhaloota dhufuuf darbu gochuu.
Daawwannaa Viidiyoo
Viidiyoo kana daawwachuun waa’ee qabeenya uumamaa hubannoo kee gabbifadhu.
Core Lesson: Qabeenya Uumamaa Itoophiyaa
Seensa
Barattoota jaalatamoo,
Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaatee dha. Naannoo keessan yoo ilaaltan wantoota baay’ee ni argitu. Fakkanyaaf, bishaan dhugdan, biyyee irra dhaabbattan, fi mukkeen naannoo keessanii. Wantoonni uumamaan argamanii fi fedhiiwwan bu’uuraa dhala namaa guutuu danda’an hundinuu qabeenya uumamaa jedhamu.
Biyya keenya keessatti qabeenya uumamaa kanneen akka albuudoota (warqee, dhagaa cilee), bishaan (Laga Abbaayyaa, haroowwan), biqiloota (bosona uumamaa), bineensota (Qeeroo, Nyala), fi biyyeetu bal’inaan argamu.
Gosoota Qabeenya Uumamaa
Haala haaromfamuu isaanii irratti hundaa’uun qabeenyi uumamaa bakka lamatti qoodamu.
I. Haaromfamuu Kan Danda’an
Qabeenya uumamaan itti fayyadamuun yoo dhuman of bakka buusu danda’anidha.
- Ho’a Aduu (Solar Energy)
- Qilleensa (Air/Wind)
- Bishaan (Water)
- Bosona (Forests)
II. Haaromfamuu Kan Hin Dandeenye
Qabeenya yeroo itti fayyadamnaa deemnu dhumaa deemanii fi of bakka buusuu hin dandeenye dha.
- Albuudota (Warqee, Sibiilota)
- Dhagaa Cilee (Coal)
- Zayita Boba’aa (Petroleum)
- Ashaboolee (Salts)
Fakkii: Itoophiyaan qabeenya bishaanii fi bosonaan badhaatuudha.
Gocha 1: Filannoo
Gaaffii 1 / 5Akkaataa itti taphatamu: Qabeenya armaan gadii filachuun (cuqaasuun), bakka sirrii ta’etti (saanduqa Haaromfamuu danda’an ykn hin dandeenye) keessa buusi.
Qabeenya
Haaromfamuu Danda’an
Haaromfamuu Hin Dandeenye
Gocha 3: Dhugaa ykn Soba
Gaaffii 1 / 5Cuunfaa Barnootichaa
Qabeenyi uumamaa wantoota uumamaan argamanii fi jireenya dhala namaaf barbaachisanidha.
Qabeenyi akka bishaanii, biyyee, fi qilleensaa haaromfamuu danda’an jedhamu sababiinsaas yeroo gabaabaa keessatti of bakka buusu.
Qabeenyi akka albuudaa fi zayita boba’aa haaromfamuu hin dandeenye jedhamu sababiinsaas dafanii dhumu, ofis bakka hin buusan.
Qabeenya uumamaa kana hunda qusannoo fi sirnaan itti fayyadamuun kunuunsuun dirqama hunda keenyaati.
Madaallii Xumuraa
Gaaffii 1 / 5Of-Madaallii Dandeettii
Xumura barnoota kanaatti wantoota armaan gadii gochuu nan danda’a jettee yaaddaa? Saanduqa cuqaasi.