Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
1.4. Kaartaa Kaasuu
Kaartaa Kaasuu
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Xumura Barnoota Kanaatti:
Maalummaa kaartaa ni ibsita.
Wixinee kaartaa Afrikaa bahaa kaasuun odeeffannoowwan handaaraa ni kaa’a.
Maalummaa iskeelii kaartaafi maloota iskeeliin itti ibsamu ni tarreessita.
Iskeelii kaartaa tokko irraa gara isa biraatti ni jijjiirta.
Fageenya daangaa biyyoota Afrikaa bahaa kaartaatti fayyadamuun ni ibsita.
Jechoota Ijoofi Ijoo
Kaartaa
Fakkii lafaa yookiin gar-tokkee lafaa waraqaa diriiraa irratti kaafamu.
Handaara Kaartaa
Odeeffannoo dabalataa kaartaa dubbisuuf gargaaran (Mata duree, iskeelii, kkf).
Iskeelii
Hariiroo fageenya waraqaa irraafi fageenya qabatamaa lafa irraa gidduu jiru.
Mallattoo
Fakkiiwwan gaggabaaboo wantoota qabatamaa lafa irraa kaartaa irratti bakka bu’an.
Barnoota Bu’uuraa
Seensa (Introduction)
Barattoota jaallatamoo,
Mee yaadaa! Guyyaa tokko maatii keessan wajjin gara Paarkii Biyyoolessaa Baalee daawwachuuf deemuuf qophooftan. Haa ta’u malee, karaan gara paarkichaa geessu hin beektan. Yeroo kana maal gootu? Eeyyee! Namoota gaafachuu dandeessu, yookiin immoo meeshaa baay’ee barbaachisaa ta’e tokkotti fayyadamtu. Meeshaan sunis Kaartaa dha!
Kaartaan meeshaa qaama guutuu yookiin gar-tokkee lafaa bakka bu’uun akka haala salphaan hubatamuun danda’amutti gad xiqqeeffamee, akka waan samii (waaqa) irraa gad ilaalamuutti waraqaa diriiraa irratti kan kaafamudha.
Odeeffannoo Handaara Kaartaa
Kaartaa tokko sirnaan dubbisuu fi hubachuuf, odeeffannoowwan daangaa ykn xurree kaartichaa irratti barreeffaman hubachuun barbaachisaadha.
1. Mata Duree Kaartichaa
Akkuma namni yookiin biyyi maqaa qabu, kaartaanis kaayyoo kaafameef irratti hundaa’uun maqaa qaba. Fkf: “Kaartaa Faca’iinsa Qilleensa Baramaa Afrikaa Bahaa”.
2. Baraafi Bakka Maxxansaa
Kaartichi yoomiifi eessatti akka hojjatame agarsiisa. Kunis kaartichi ammayyaa moo kan durii ta’uu isaa adda baasuu gargaara.
3. Mallattooleefi Fakkiiwwan (Furtuu)
Kaartaan kamuu afaan ofii qaba. Kunis furtuu jalatti ibsama. Fakkeenyaaf, sararri cuquliisaa laga agarsiisuu danda’a, kkf.
4. Iskeelii Kaartaa
Iskeeliin hariiroo fageenya waraqaa xiqqaafi bal’ina lafa qabatamaa gidduu jirudha.
Fakkeenya Shallaggii Iskeelii:
Fageenyi lafa irratti \( 20 \text{ km} \) ta’e, waraqaa irratti \( 5 \text{ cm} \) dhaan yoo kaafame, iskeeliin kaartichaa meeqa ta’a?
\( \frac{5 \text{ cm}}{5} = \frac{20 \text{ km}}{5} \implies 1 \text{ cm} : 4 \text{ km} \)
Fakkii Ibsa Kaartaa
Taphachiisa: Handaara Kaartaa Ijaari!
Akkaataa itti taphatan: Jalqaba sanduuqa ragaa (gara gadii jiru) tuqii filadhu, itti aansuun bakka duwwaa sirrii ta’e (gara olii jiru) tuquun kaa’i!
Bakka Duwwaa Guuti
Iddoo Mata Duree
Iddoo Iskeelii
Iddoo Furtuu (Mallattoo)
Ragaa Filadhu
Sochii 1ffaa: Filannoo
Sochii 2ffaa: Gaaffilee Makaa
Cuunfaa Barnootichaa
Kaartaan fakkii lafaa waraqaa diriiraa irratti kaafame yoo ta’u, waan samii irraa gad ilaalamu fakkaata.
Odeeffannoowwan Handaara Kaartaa afran ijoon: Mata duree, Baraafi bakka maxxansaa, Furtuu, fi Iskeelii dha.
Iskeeliin fageenya waraqaa fi lafaa walbira qabuun kan ibsu yoo ta’u, fageenya shallaguuf nugargaara.
Furtuun (Mallattoon) haala qabatamaa lafa irraa bifa salphaafi iddoo xiqqaadhaan waraqaa irratti ibsuuf fayyada.
Madaallii Xumuraa
Madaallii Ofii (Self-Check)
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii gonfatteettaa? Sanduuqa irratti tuqi.