Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
4.4. Barbaachisummaa Diinagdee Hambaalee Afrikaa Bahaa
Faayidaa Hambaaleen Baha Afrikaa Diinagdee Keessatti Qaban
Saayinsii Naannoo Kutaa 5
Gahumsa Barachuu
Barnoota kana erga barattanii xumurtanii booda:
Gahee hambaaleen aadaa diinagdee biyyoota Baha Afrikaa keessatti qaban ni ibsitu.
Wantoota hojiirra oolmaa hambaalee hir’isan ykn mancaasan gargar baaftanii ni himtu.
Jechoota Ijoo
Hambaa (Heritage)
Qabeenya uumamaa ykn aadaa dhaloota irraa dhalootatti darbuufi seenaa ibsu.
Diinagdee (Economy)
Madda galii, oomishaafi gabaa biyya tokkoo kan guddina hawaasaa ibsu.
Turizimii (Tourism)
Adeemsa namoonni bakkawwan haaraaafi hambaalee daawwachuuf godhan.
Manca’iinsa (Degradation)
Badii ykn miidhaa qabeenya hambaalee irra gahu, kan uumamaa ykn namaan ta’u.
Qabiyyee Barnootaa
Barattoota qaqqaali! Biyyi tokko kan ittiin beekamu keessaa inni tokko qabeenya hambaalee qabuunidha. Hambaaleen kunniin seeraan yoo eegamaniifi kunuunfaman, hawata turistii ta’uun madda galii diinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabu.
Faayidaalee Hambaaleen Qaban
Faayidaalee hambaaleen hawaas-diinagdee keessatti qaban hedduudha. Isaan keessaa muraasni:
Madda galii ta’uun diinagdee biyyaa deeggaru (Turizimii irraa).
Barnootaafi qo’annoo saayinsii gaggeessuuf gargaaru.
Namoota hojii aartiifi hojii harkaa qaban jajjabeessu.
Dhaloota haaraa hojiif kakaasu ykn onnachiisu.
Wantoota Hambaalee Hir’isan (Mancaasan)
Hambaaleen bu’a qabeessa kan ta’an eegumsi yoo taasifameef qofa. Haa ta’u malee, hambaaleen manca’aa jiru. Wantoonni hambaalee mancaasan bakka lamatti qoodamu:
1) Miidhaawwan Dhalli Namaa Geessisu
- Kunuunsa saayinsaawaa dhabuu: Hawaasni faayidaa isaa beekuu dhabuun eegumsa gahaa gochuu dhabuu.
- Walitti Bu’insi / Waraana: Fakkeenyaaf, Xaaliyaaniin yeroo biyya keenya weerarte hambaalee hedduu hattee gara biyya alaatti fudhatteetti.
- Babal’achuu Magaalotaa: Ijaarsaaf jecha bosona mancaasuu. Kun bineensonni akka baqatan taasisa, biyyeen ni dhiqama.
2) Miidhaawwan Sababa Uumamaatiin Dhufan
- Jijjiirama Qilleensaa: Gogiinsi bosonaafi lafa margaa gogsa. Bineensonni nyaata dhabuun baqatu. Lolaan gamoowwan durii mancaasa.
- Sochii Lafaatiin uumaman: Dhoo’insa voolkaanoo fi kirkira lafaa hambaalee yeroo gabaabaatti barbadeessuu danda’u.
- Ibidda Bosonaa: Wal-riginsa mukkeeniin ykn ho’aan kan ka’u, iddoo jireenya bineensotaa barbadeessa.
Daawwannaa Viidiyoo
Tapha: Faayidaa moo Miidhaa?
Akkaataa itti taphatamu: Jechoota armaan gadii cuqaasuun (Tap) filadhu. Sana booda saanduqa sirrii ta’e ‘Faayidaa’ ykn ‘Miidhaa’ jedhu irra cuqaasuun keessa buusi.
Jechoota Filataman
Faayidaa
Miidhaa
Gilgaala 1: Filannoo
Deebii sirrii ta’e filadhu.
Gilgaala 2: Ramaddii
Hubadhu: Wantoota hambaalee mancaasan sababa namaa ykn sababa uumamaa ta’uu isaanii cuqaasuun (Tap) bakka sirriitti ramadi.
Sababa Namaa
Sababa Uumamaa
Gilgaala 3: Dhugaa ykn Soba
Hima dhiyaate dubbisuun ‘Dhugaa’ ykn ‘Soba’ kan jedhu filadhu.
Guduunfaa Barnootaa
Hambaaleen aadaa madda galii (turizimii) ta’uun diinagdee biyyaa cimsu.
Hambaaleen barnootaafi qo’annoof, akkasumas dhaloota haaraa kakaasuuf gargaaru.
Miidhaawwan dhalli namaa geessisu: Kunuunsa dhabuu, walwaraansa, fi babal’achuu magaalotaati.
Miidhaawwan uumamaa: Jijjiirama qilleensaa, sochii lafaa, fi ibidda bosonaati.
Hambaaleen bu’a qabeessa akka ta’aniif kunuunsiifi eegumsi taasifamuufii qaba.
Madaallii Xumuraa
Beekumsa kee qori. Deebii sirrii filadhu.
Madaallii Ofii
Waan baratte hubachuu kee of madaali. Kan dandeessu saanduqa keessatti mallattoo (✔) godhi.