Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
2.4. Sirna Hargansuu Namaa
Sirna Hargansuu Namaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Bu’aawwan Barnootichaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
Hiikkaa hargansuu sirriitti ni kennita.
Qaamolee sirna hargansuu namaa adda baasuun ni tarreessita.
Faayidaa qaamoleen kunniin sirna hargansuu keessatti qaban ni ibsita.
Jechoota Ijoo
Hargansuu
Adeemsa qilleensa oksijiniin badhaadhe gara keessaatti olfudhachuufi qilleensa kaarboondaayooksaayidii badhaadhe gara alaatti baasuudha.
Somba
Qaama ijoo sirna hargansuu namaa yoo ta’u, bakka qilleensi oksijiniifi kaarboondaayooksaayidiin itti wal-jijjiiranidha.
Oksijinii
Gaazii qilleensa naannoo keenyaa keessa jiruufi jireenya ilmaan namootaatiif baay’ee barbaachisaa ta’edha.
Kaarboondaayooksaayidii
Gaazii xuraawaa adeemsa keessatti qaama keenya keessatti uumamuufi yeroo hargansuu gara alaatti baafamudha.
Barnoota Ijoo: Sirna Hargansuu Keenya
Seensa
Barattoota jaalatamo!
Mee takkaa yaadaa! Toltuun fiigicha erga xumurtee booda hafuurri ishee baay’ee ciccitaa ture. Qoma ishees saffisaan ol kaasaa gadi deebisti turte. Maaliif isinitti fakkaata? Qaamni keenya yeroo hunda qilleensa barbaada. Akkuma makiinaan boba’aa barbaadu, qaamni keenyas anniisaa argachuuf qilleensa barbaada. Adeemsi kun immoo hojii Sirna Hargansuu ti.
Gaaffii Yaadaa:
1. Hiikkaa hargansuu kenni?
2. Faayidaan hargansuu maali?
Jechi hargansuu jedhu yeroo baay’ee jecha respaayireeshinii jedhu waliin wal jijjiiruun yeroo fayyadamnu yoo jiraate illee, hiikkaan isaanii tokko miti. Adeemsi qaamni keenya qilleensa oksijiniin badhaadhe gara keessaatti olfudhatuufi qilleensa kaarboondaayooksaayidii badhaadhe gara alaatti baasuu hargansuu jedhama.
Qaamolee Sirna Hargansuu Namaa
Fakkii: Caasaalee ijoo sirna hargansuu keenyaa.
Akkuma saayinsii naannoo kutaa 5ffaa keessatti qaamolee sirna bullaa’insa nyaataa garaagaraa walta’anii hojjatan barattan, sirni hargansuu namaas caasaalee adda addaa of keessaa qaba. Qaamni ijoon sirna hargansuu somba yommuu ta’u, caasaaleen isa tumsuun sirna kana ijaaran kanneen armaan gadiiti:
1. Funyaan (Nose)
Qaama qilleensi irra caalaa ittiin gara keessaatti seenudha. Funyaan rifeensaafi aadaa (mucus) qaba. Kunis qilleensa seenu qulqulleessuu, hoo’isuufi jiisuuf tajaajila.
2. Qoonqoofi Ujummoo Qilleensaa
Qilleensi funyaan keessa darbe qoonqoo keessa kutee ujummoo qilleensaa (Trachea) seenuun gara sombaatti daddarba. Ujummoon kun karaa banaa ta’ee qilleensa geessa.
3. Somba (Lungs)
Somboonni qaamolee ijoo hargansuuti. Qoma keenya keessatti kan argaman yoo ta’u, bakka gaaziin oksijiniifi kaarboondaayooksaayidiin itti wal-jijjiiramu dha.
4. Diyaafraamii (Diaphragm)
Maashaa haphii somba jalatti argamu dha. Yeroo qilleensa ol-fudhannu gadi jedha (somba babal’isa), yeroo baafnu immoo ol deebi’a (qilleensa dhiibee baasa).
Tapha: Ramaddii Qaamolee
Bohaartii BarnootaaAkkaataa itti taphatamu:
Jechoota armaan gadii tuquun filadhu, sana booda saanduqa sirrii ta’e ‘Hargansuu’ ykn ‘Bullaa’insa Nyaataa’ jedhutti tuquun ramadi.
Caasaalee Qaamaa
Sirna Hargansuu
Sirna Bullaa’insa Nyaataa
Gilgaala 1: Filannoo
1 / 5Gilgaala 2: Firoomsi
Qaamolee sirna hargansuu faayidaa isaan kennan waliin walitti firoomsi. Faayidaa tuqi, sana booda qaama sirrii ta’etti tuqi.
Faayidaa / Dalagaa
Qaama Sirna Hargansuu
Gilgaala 3: Dhugaa ykn Soba
1 / 5Cuunfaa Barnootichaa
Hargansuu: Adeemsa oksijinii fudhachuufi kaarboondaayooksaayidii baasuuti.
Funyaan: Qilleensa naannoo gara keessaatti fudhachuuf, qulqulleessuufi hoo’isuuf tajaajila.
Ujummoo Qilleensaa: Qilleensa funyaan irraa gara sombaatti dabarsa.
Somba: Qaama ijoo hargansuuti. Bakka gaazoonni itti wal-jijjiiramani dha.
Diyaafraamii: Maashaa hargansuu gargaaru kan somba jalatti argamu dha.
Madaallii Xumuraa
1 / 5Gaaffilee armaan gadii sirriitti dubbisiitii deebii sirrii filadhu.
Cheekliistii Dandeettii (Of-madaaluu)
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii horachuu kee of madaali. Kan mirkaneeffatte irratti mallattoo (✔) godhi.