Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
2.5. Makaa
2.5. Makaa (Mixture)
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Kaayyoo Barnootichaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
Makaan maal akka ta’e ni ibsita.
Hiikkaa makoota gos-addeefi makoota gos-tokkee ni kennita.
Maloota makootni ittiin gargar dhilaman ni tarreessita.
Makaa gos-addeefi makaa gos-tokkee addaan baasta.
Jechoota Ijoo
Makaa (Mixture)
Wantoota lama ykn isaa ol kanneen amala keemikaalaa isaanii osoo hin jijjiirrin walitti makamaniidha.
Gos-tokkee (Homogeneous)
Makaa bifa tokko qofaa qabuufi qaamoleen isaa ijaan salphaatti adda hin baanedha. Fkn: Bishaan ashaboo.
Gos-addee (Heterogeneous)
Makaa bifa adda addaa qabuufi qaamoleen isaa ijaan adda ba’uu danda’aniidha. Fkn: Qolloofi cirracha bishaanii.
Dhila (Separation)
Adeemsa qaamolee makaa tokko keessa jiran tooftaa adda addaatiin gargar baasuu ykn caluuti.
Dhimbiibuu (Filtration)
Mala makaa dhangala’aafi jajjaboo gargar baasuu. Fkn: Buna danfe hawaasa irraa caluu.
Hurkisiisuu (Evaporation)
Mala makaa dhangala’aafi jajjaboo bulboole gargar baasuu. Fkn: Bishaan ashaboo irraa ashaboo baasuu.
Viidiyoo Barnootaa: Makaafi Gosoota Isaa
Qabiyyee Barnootaa: Makaan Maalii?
Seensa (Introduction)
Barattoota jaallatamoo,
Mee yeroo haati keessan manatti ‘Qolloo’ (akaayii) qopheessitu yaadaa. Garbuu, baaqilaa, atariifi ija-bunaa waliin maktu. Erga makamee booda ija garbuu ykn baaqilaa addaan baastanii arguu dandeessuu? Eeyyee! Kun makaa jedhama.
Gama biraatiin, yeroo shayii dhugdan sukkaara shayiitti dabaltanii maktu. Sukkaarichi bishaan shayii keessatti erga baqee booda, ijaan sukkaaricha arguun ni danda’amaa? Lakki! Kunis makaadha, garuu gosa makaa kan biraati.
Hiikkaa Makaa (Definition of Mixture)
Makaa jechuun wantoota qulqulluu lama ykn isaa ol kanneen amala keemikaalaa isaanii osoo hin jijjiirrin karaa fiizikaalaatiin walitti makamaniidha. Yeroo wantoonni walitti makaman amalli isaanii inni jalqabaa hin badu.
Gosoota Makaa (Types of Mixtures)
1. Makaa Gos-tokkee (Homogeneous)
Makaa kutaaleen isaa hundi wal-fakkaataniifi bifa tokko qofaa qabaniidha. Qaamoleen makaa kanaa guutummaatti waan walitti makamaniif, salphaatti ijaan ykn maayikirooskooppiidhaan illee adda ba’anii hin mul’atan.
Fakkeenya: Bishaan ashaboo, Bishaan sukkaaraa, Qilleensa naannoo.
2. Makaa Gos-addee (Heterogeneous)
Makaa kutaaleen isaa adda adda ta’aniifi bifa tokko hin qabneedha. Qaamoleen makaa kanaa salphaatti ijaan adda ba’anii mul’atu.
Fakkeenya: Qolloo, Cirrachafi bishaan, Dhiiga, Aannan, Biyyee.
Maloota Makaa Ittiin Addaan Baasan (Separation Methods)
Qaamoleen makaa amala fiizikaalaa isaanii waan hin jijjiirreef, tooftaalee adda addaatiin gargar baasuun ni danda’ama. Isaanis:
-
Dhimbiibuu (Filtration):
Mala makaa dhangala’aafi jajjaboo gargar baasuuf fayyadu. Fkn: Buna danfe gingilchaatti fayyadamuun hawaasa isaa irraa caluu.
-
Hurkisiisuu (Evaporation):
Mala makaa dhangala’aafi jajjaboo keessatti bulboole gargar baasuu. Fkn: Bishaan ashaboo aduutti saaxiluun, bishaanicha hurkisiisanii ashaboo hafu sassaabuu.
-
Harkaan filuu (Hand Picking):
Mala jajjaboo gurguddaa ta’an harkaan gargar baasuu. Fkn: Ija-bunaa keessaa dhagaa harkaan gargar filuu.
-
Harkisuu Maagneetii (Magnetic Separation):
Mala wantoota maagneetiin harkifaman adda baasuu. Fkn: Biyyee keessaa sibiila maagneetiin baasuu.
Fakkii Hubannoo (Illustration)
Akkaataa itti taphatamu: Maqaa wantootaa (Armaan gadii) tokko cuqaasuun filadhu, sana booda saanduqa inni itti ramadamu ‘Gos-tokkee’ ykn ‘Gos-addee’ jedhu cuqaasi. Xumura irratti ‘Deebii Mirkaneessi’ tuqi.
Wantoota (Items)
Makaa Gos-Tokkee
Makaa Gos-Addee
Cuunfaa Barnootaa
Makaa jechuun wantoota amala isaanii osoo hin jijjiirrin walitti makamaniidha.
Makaa Gos-tokkee bifa tokko qofaa qaba, ijaan adda hin ba’u (Fkn: Bishaan ashaboo).
Makaa Gos-addee kutaaleen isaa ijaan adda ba’uu danda’u (Fkn: Qolloo).
Qaamolee makaa maloota akka dhimbiibuu, hurkisiisuu, fi harkaan filuu fayyadamuun gargar baasuun ni danda’ama.
Mirkaneessa Kaayyoo Barnootaa (Checklist)
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii horachuu kee of madaali: