Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
2.1. Sirna Marsaa Dhigaa
Sirna Marsaa Dhiigaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 6
Bu’aalee Barnootichaa (Lesson Competencies)
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
Maalummaa sirna marsaa dhiigaa ni ibsita.
Fakkii sirna marsaa dhiigaa kaastee ni agarsiifta.
Maalummaafi barbaachisummaa dhiigaa ni ibsita.
Gosoota ujummoolee dhiigaa ni tarreessita.
Kutaalee onneefi dalagaa onnee fakkii kaasuun agarsiifta.
Jechoota Ijoo (Key Terms)
Onnee (Heart)
Qaama maashaalee irraa ijaaramee, dhiiga gara kutaalee qaamaatti paampii (dhiibu) taasisudha.
Dhiiga (Blood)
Dhangala’aa diimaa qaama keessa naanna’uun wantoota barbaachisoo raabsuufi xurii sassaabudha.
Ujummoo Dhiigaa
Karaa ykn ujummoo dhiigni keessa yaa’u. Isaanis Arterii, Veenii fi Kaappilariidha.
Oksijinii
Qilleensa qulqulluu somba irraa gara dhiigaatti makamuun seelota qaamaaf barbaachisudha.
Qabiyyee Barnootichaa (Core Lesson)
Seensa
Barattoota kabajamoo,
Magaalaa guddoo Finfinnee keessa yoo deemtan, konkolaattotni meeshaaleefi namoota bakka garaagaraatti yeroo geessan ni argitu. Qaamni keenyas akkuma kana sirna geejjibaa addaa qaba. Sirni kun Sirna Marsaa Dhiigaa jedhama.
Sirna Marsaa Dhiigaa jechuun maal jechuudha?
Sirna marsaa dhiigaa: Sirna qaamolee keessaa tokko ta’ee kan dhiigni akka marsu taasisuufi wantoota akka dhangaaleefi Oksijinii kutaa qaamolee keenya hundaaf raabsudha.
Akkasumas, wantoota xuraawaafi Kaarboondaayooksaayidii seelotarraa sassaabuun qaama xuraawaa dhabamsiisutti dabarsudha. Sirni kuni dabalataan dalagaalee akka ho’a qaama keessa tamsaasuu, qoricha, farra qaama alagaa (dhukkuba ittisuu), hormonoota naannoo qaamaa hundatti raabsuuf kan gargaarudha.
Kutaalee Onnee
Onneen kutaalee ykn kufoota gurguddoo afur qaba:
- Olee Mirgaa (OM): Dhiiga xurii qaamarraa fuudha.
- Vantirikilii Mirgaa (VM): Dhiiga gara sombaatti dhiiba.
- Olee Bitaa (OB): Dhiiga qulqulluu sombarraa fuudha.
- Vantirikilii Bitaa (VB): Dhiiga qulqulluu gara qaama hundaatti raabsa.
Gosoota Ujummoolee Dhiigaa
- Arterii: Dhiiga qulqulluu (Oksijinii qabu) onnee irraa gara qaamaatti geessa.
- Veenii: Dhiiga xurii qaama irraa sassaabee gara onneetti deebisa.
- Kaappilarii: Ujummoo baay’ee qallaa ta’ee kan arterii fi veenii wal-quunnamsiisudha. Bakka itti wantoonni waljijjiiramaniidha.
Gosoota Marsaa Dhiigaa
Marsaan dhiigaa gosa lamatu jiru. Isaanis:
i. Marsaa dhiigaa dachaa
Dhiigni marsaa tokko keessatti si’a lama onnee keessa darba. (Fkn: Ilmaan namootaa fi hoosistoota keessatti).
ii. Marsaa dhiigaa qeenxee
Dhiigni marsaa tokko keessatti al tokko qofa onnee keessa darba. (Fkn: Qurxummii keessatti).
Tartiiba Marsaa Dhiigaa (Blood Flow Path)
Dhiiga qaamarraa onnee seenaa jiru irraa yoo kaane tartiibni isaa akkas fakkaata:
Taphnee Baranna: Kutaalee Onnee
Akkaataa itti taphatamu: Sanduuqa tuquun (Tap) filadhu, sana booda iddoo sirrii ta’etti bakka duwwaa tuquun (Tap) kaa’i!
Jechoota Filataman (Word Bank)
Shaakala 1: Filannoo (MCQ)
Shaakala 2: Firoomsi (Matching)
Hojiilee armaan gadii ujummoolee dhiigaa sirrii ta’aniif firoomsi. (Tap gochuun bakka sirrii ka’i).
Hojii / Dalagaa
Arterii
Veenii
Kaappilarii
Shaakala 3: Dhugaa ykn Soba
Cuunfaa Barnootichaa (Summary)
Sirni marsaa dhiigaa meeshaalee barbaachisoo qaamaaf raabsee, xurii sassaaba.
Onneen kutaalee afur qaba: Olee (Mirgaafi Bitaa) akkasumas Vantirikilii (Mirgaafi Bitaa).
Ujummooleen dhiigaa gurguddoo sadii: Arterii, Veenii fi Kaappilarii dha.
Marsaan dhiigaa gosa lama qaba: Marsaa dachaa fi Marsaa qeenxee.
Qormaata Xumuraa (Assessment) Qabxii: 0/5
Mirkaneeffannaa Dandeettii (Self-Checklist)
Barnoota kana erga xumurtee booda, wantoota armaan gadii gochuu dandeenyaan saanduqa tuqi (Check gochi):