Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
3.2. Gosoota Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa
Gosoota Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 6ffaa
Bu’aawwan Barnootichaa
Xumura barnoota mata-duree kanaatti:
Qabeenyi uumamaa maal akka ta’e ni himta.
Gosootaafi faayidaa qabeenya uumaamaa gurguddoo Afrikaa bahaa ni tarreessita.
Jechooota Ijoo
Qabeenya Uumamaa
Wantoota naannoo keenyatti uumamaan argamaniifi ilmaan namootaaf faayidaa kennan.
Qabeenya Haaromfaman
Qabeenya yeroo gabaabaa keessatti bakka bu’uu danda’aniifi salphaatti hin dhumne (fkn: bishaan, biqiltoota).
Qabeenya Hin Haaromfamne
Qabeenya yeroo dheeraa fudhatanii uumaman, yoo itti fayyadamnu kan dhuman (fkn: boba’aa, warqee).
Albuuda
Qabeenya gati-jabeessa lafa keessaa qotamee baafamu, kan akka warqeefi dhagaa cilee.
Qabeenya Uumamaa Afrikaa Bahaa
Seensa
Barattoota jaalatamo,
Ganama yeroo hirribaa kaatu bishaanin fuula dhiqattu, ciree nyaattu, uffata uffattu. Wantoonni kunniin hundi eessaa dhufu jettanii yaadduu? Hundi isaanii qabeenya uumamaa irraa argamu! Naannoon keenya, keessattuu Afrikaan Bahaa, qabeenya uumamaa hedduudhaan badhaatuudha.
Qabeenyi Uumamaa Bakka Lamatti Qoodama:
- 1. Qabeenya Haaromfaman: Kanneen of haaromsuu danda’aniifi hin dhumne. Fkn: Aduu, Qilleensa, Bishaan, Biyyee, Bosona.
- 2. Qabeenya Hin Haaromfamne: Kanneen yeroo dheeraa fudhatanii uumamaniifi yoo baay’isnee fayyadamne dhuman. Fkn: Albuudota (Warqee), Gaazii uumamaa, Dhagaa cilee.
Gosoota Qabeenya Uumamaa Gurguddoo Afrikaa Bahaa
1. Qabeenya Bishaan (Water)
Afrikaan Bahaa lageen gurguddoofi haroowwan hedduu qabdi. Fkn: Laga Abbayyaa, Awash, Haroo Viktooriyaa.
Faayidaa: Dhugaatiif, jallisii qonnaatiif, anniisaa ibsaa maddisiisuuf, fi geejjibaaf.
2. Bosona (Forests)
Naannoon kun bosona roobaa gammoojjiifi gaarreenii qaba. Fkn: Bosona Baalee, bosona Kaafa.
Faayidaa: Muka ijaarsaa fi boba’aaf, bishaan eeguuf, qilleensa qulqulleessuufi jireenya bineensotaaf.
3. Albuuda (Minerals)
Biyyoonni akka Itoophiyaa fi Taanzaaniyaa albuuda adda addaatiin badhaadhoodha.
Faayidaa: Warqeen, kooppariin, fi dhagaan cilee dinagdee biyyaa guddisuu fi sharafa alaa argachuuf gargaaru.
4. Bineensota Bosonaa
Bineensonni bosonaa adda addaa heddumminaan jiru. Fkn: Leenca, Arba, Qamalee.
Faayidaa: Paarkiiwwan biyyoolessaa (fkn: Paarkii Awaash, Serengeti) tuuristoota hawachuun galii fidu.
5. Biyyee (Soil)
Biyyeen gabbataan qonnaaf baay’ee murteessaadha. Faayidaa: Midhaan nyaataa omishuuf gargaara, sababiin isaa uummanni Afrikaa Bahaa hedduun qonnaan bulaadha.
Akkaataa itti taphatamu:
Qabeenya kenname tokko cuqaasi (Tap), sana booda saanduqa inni itti ramadamu (Haaromfaman ykn Hin Haaromfamne) cuqaasi.
Qabeenya Uumamaa
Kan Haaromfaman
Kan Hin Haaromfamne
Gocha 1: Filannoo (MCQ)
Gocha 2: Walitti Firoomsi
Faayidaa qabeenyaa tokko cuqaasuun (Tap), qabeenya sirrii ta’e jalatti ramadi.
Gocha 3: Gaaffiilee Waliin-makamaa
Guduunfaa Barnootichaa
Qabeenyi uumamaa kennaa uumamaa ilmaan namootaatiif faayidaa kennuudha.
Bakka gurguddoo lamatti qoodamu: Haaromfaman (fkn: bishaan, bosona) fi Hin haaromfamne (fkn: warqee, dhagaa cilee).
Afrikaan Bahaa qabeenya akka Bishaanii (fkn: Laga Abbayyaa), Bosonaa, Albuudaa (fkn: Warqee), Bineensota Bosonaa, fi Biyyee qabdi.
Qabeenya kanneen haala sirrii ta’een kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama hunda keenyaati.
Madaallii Xumuraa
Mirkaneeffannaa Dandeettii
Barnoota kana erga xumurtee booda, dandeettiiwwan armaan gadii gonfachuu kee of madaali (Sanduuqa cuqaasi):