Saayinsii: Kutaa 6ffaa 5 Sections31 Lessons365 Days
4.3. Bakkeewwan Hambaalee Afrikaa Bahaa
Iddoowwan Hambaalee Beekamoo Baha Afrikaa
Saayinsii Naannoo Kutaa 5
Lesson Competencies
At the end of the lesson you will be able to:
Hambaalee gurguddoo/beekamoo biyyoota baha Afrikaa keessatti argaman adda nibaasta.
Baha Afrikaa keessaa biyyoota hambaaleen beekamoon itti argaman nitarreessita.
Garaagarummaa hambaalee aadaafi uumamaa addaan nibaafatta.
Key Terms
Hambaalee
Wantoota ilmi namaa yeroo darbe keessatti kalaqe yookiin qabeenya uumamaa itti fayyadamaa tureedha.
Hambaalee Uumamaa
Taateewwan uumamaan jiran ta’anii kanneen dhala namaatiif faayidaa qabaniidha (Fkn. Gaarreen, Bosona).
Hambaalee Aadaa
Haala jireenya, beekumsa yookiin gochaa hawaasa tokkoo kan mul’isu (Fkn. Ijaarsa, Oomisha).
Hambaalee Hafuuraa
Kanneen ijaan hin argamneefi harkaan hin tuqamne, garuu gurraan dhagahamaniidha (Fkn. Ayyaana Irreechaa).
Barnoota Viidiyoo
Viidiyoo kana ilaaluun waa’ee hambaalee hubannoo dabalataa argadhu.
Core Lesson: Hambaalee Baha Afrikaa
Introduction
Dear learners,
Mee ofitti yaadaa! Biyyi keenyaafi naannoon Baha Afrikaa akka godambaa (museum) guddaa uumamaafi hojiiwwan ajaa’ibsiisoo abbootii keenyaan guutameeti. Wantoonni kunniin seenaa, aadaafi eenyummaa keenya ibsu. Qabeenyawwan gati-jabeeyyii kana Hambaalee jenna!
Hambaaleen akka waliigalaatti muuxannoo hawaasaa darbee, seenaa yeroo durii, haala jireenyaa, aadaa uummataa yeroo darbee kan itti aanuuf muuxannoo ta’anii tajaajilu. Hambaaleen bakka lamatti qoodamu: Hambaalee Aadaa fi Hambaalee Uumamaa.
A. Hambaalee Uumamaa Baha Afrikaa
Naannoo baha Afrikaa keessa hambaalee uumamaa heddutu jiru. Hambaaleen kunniin dhabamaa waan jiraniif eegumsaafi kunuunsi gahaan taasifamuufii qaba.
1. Bineensota Bosonaa
Baha Afrikaan wiirtuu hawata turistii bineensota bosonaati. Fakkeenyaaf:
- Paarkii Sarangeetii (Taanzaaniyaa)
- Paarkii Kuwiin Elzaabeet (Ugaandaa)
- Kan Itoophiyaa qofa keessatti argaman: Waaliyaa Ayibeeksi, Niyaalaa (Gadamsa), Jeedala diimtuufi Jaldeessa daabee.
2. Teessuma Lafaa
Teessumni lafaa baha Afrikaa garagaraadha. Kunis qilleensa baramaafi facaatii bineensotaa irratti dhiibbaa qaba:
- Daalool ykn Danaakil (Itoophiyaa): Lafa dhooqaa galaana irraa gadi meetira 125.
- Gaara Kilimaanjaaroo (Taanzaaniyaa): Gaara dheeraa (5895m).
- Raas Daashan (Itoophiyaa) fi Gaara Keeniyaa.
3. Harawwan Sululaa Itoophiyaa
Sulula qinxamaa baha Afrikaa keessa harawwan beekamoon turistoota hawwatan heddutu jiru. Isaanis: Hara Laangaanoo, Hara Caamoo, Hara Danbal(Ziwaay), fi Hara Hawaasa fa’a.
B. Hambaalee Aadaa Baha Afrikaa
Hambaaleen aadaa kanneen ijaarsa, oomisha, barreeffama, uffataafi kalaqa garagaraa dhaloota darbaniin hojjetamanidha. Gama biraatiin, hambaalee qabatamoo (kan harkaan tuqaman) fi hambaalee hafuuraa (kan gurraan dhagahaman, fkn. ayyaana Irreechaa) jedhamanii qoodamu.
1. Bakkeewwan Qorannoo Arkiyooloojii
Sululli qiinxamaan Baha Afrikaa bakka haftee lafeewwan dhala namaa yeroo jalqabaaf itti argameedha. Fakkeenyaaf: Giddugaleessa Sulula laga Hawaasiifi yaa’a gadii laga Oomoo.
2. Hambaalee Seenaa Beekamoo
Itoophiyaan hambaalee seenaatiin kan badhaatudha. Kanneen keessaa muraasni:
Siidaa Aksuum, Bataskaana Laallibalaa, Dallaa Jagool, Dhagaa Xiyaa, Ijaarsa daagaa Koonsoo, Masaraa mootii Abbaa Jifaar fi Masaraa Mootota Gondar.
3. Hambaalee Aadaa Biroo
Uummanni baha Afrikaa aadaa haala jiruufi jireenyaa qabu. Isaanis aadaa uffannaa, miidhagina, qophii nyaataa, afaan, sirbaafi sirna araaraa fa’a of keessatti hammata.
Fakkiin Ibsuu (Illustration)
Tap-Tap: Hambaalee Catcher!
Akkaataa itti taphatamu: Jechoonni gadi yommuu bu’an, kanneen Hambaalee Uumamaa (Natural) ta’an qofa saffisaan tuqi (Tap)! Hambaalee Aadaa tuquun qabxii si jalaa hir’isa.
Hambaalee Uumamaa Qofa Tuqi!
Activity 1: Filannoo (MCQ)
Akkaataa itti hojjetamu: Maqaa hambaalee jalqaba tuqi (Tap), sana booda sanduuqa ‘Aadaa’ ykn ‘Uumamaa’ keessaa isa sirrii ta’e tuquun achi keessa buusi.
Tarree Hambaalee
Hambaalee Aadaa
Hambaalee Uumamaa
Activity 3: Gaaffilee Walmakaa
Cuunfaa Barnootaa
Hambaaleen wantoota yeroo darbe kalaqaman ykn qabeenya uumamaa tajaajilaa turaniidha.
Hambaaleen bakka gurguddoo lamatti qoodamu: Hambaalee Aadaa fi Hambaalee Uumamaa.
Hambaaleen Uumamaa Baha Afrikaa kan akka Bineensota bosonaa, Teessuma lafaa (Daalool, Kilimaanjaaroo) fi Harawwan sululaa of keessatti hammata.
Hambaaleen Aadaa immoo ijaarsawwan seena-qabeessa akka Siidaa Aksuum, Bataskaana Laallibalaa fi bakkeewwan qorannoo Arkiyooloojii fa’a.
Gama biraatiin, hambaaleen Qabatamoo (kan tuqaman) fi Hafuuraa (kan hin tuqamne) jedhamuunis ni qoodamu.
Madaallii Xumuraa
Madaallii Dandeettii (Self-Checklist)
Saanduqa armaan gadii tuquun wantoota har’a baratte mirkaneeffadhu: